Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Yaa’iin Innooveeshinii Diijitaalaa Afrikaa Idil addunyaa Waxabajjii 8 -9, 2015 Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksiiseera.
Yaa’icha Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii dhaabbata ‘Eksiteenshiyaa Liimiitid’ jedhamu waliin tumsaan kan qopheessaan ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaan yaa’icha milkiin gaggeessuuf qophii xumuruu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsaniiru.
Yaa’icharratti Ministiroonni biyyoota Afrikaa, Awurooppaa, Abbootiin Qbeenyaa Damee Indaastirii, Diijitaalaayizeenishii fi Innooveeshinii, Interpiraayizoonni Kalaqaa fi kanneen biroo 300 ol ta’an kan hirmaatan ta’uu ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.