Yaa’iin Idilee Mana Maree magaalaa Finfinnee eegale

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2014 (FBC)-Manni Maree magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 1ffaa bara hojii 3ffaa gaggeessuu eegaleera.

Manni marichaa raawwii karooraa bulchiinsa magaalichaa baatiiwwan 6 darbanii kan gamaggamu ta’uu ibsameera.

Raawwii Mana Murtii magaalichaa baatiiwwan 6 darbanii, qabiyyee lafaa fi Wixinee danbii yaa’ii dhaggeeffattoota dhimmoota komee beenyaa irratti mari’atee kan raggaasisuu ta’uun eegama.

Akkasumas muudama garaagaraa ni raggaasisaan eegama.

Labsiin foyyessa Caasaa Waajjira Mana Maree dhiyaatee mariin irratti kan taasifamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment