Yaa’iin Idilee Komishinaroota Poolisii Damee Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa, Naannoleefi Bulchiinsa Magaalotaa eegalame

Yaa’iin Idilee Komishinaroota Poolisii Damee Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa, Naannoleefi Bulchiinsa Magaalotaa eegalame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Yaa’iin Idilee Komishinaroota Poolisii Damee Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa, Naannoleefi Bulchiinsa Magaalotaa eegalameera.

Hojii riifoormii hojjetameen yakka ittisuunis ta’e qorannoo yakkaan hojiilee gurguddoon hojjetamaa turaniiru; kanaanis bu’aa ajaa’ibsiisaan argameera jedhan Komishinarri Itti Aanaan Poolisii Federaalaa Jeneraal Zalaalam Mangisteen.

Teekonooloojiiwwan fayyadamuun akkasumas qabiinsa mirga namoomaa cimsuun mul’ata biyyaalessaa milkeessuuf hundi tumsuu akka qabu ibsaniiru.

Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa heera mootummaa akkasumas seerota biroo kabjuuniifi kabachiisuun hawaasa ittisaafi qorannoo yakkaarratti hirmaachisuun nageenyaafi tasgabbii uummataa eegaa jiraachuu eeran.

Yaa’ichaan, shakkamaan yakkaa kamiyyuu haala naannoo kam keessattuu dhokatee miliquu hin dandeenyerratti mari’achuun akka barbaachisu hubachiisuu isaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Riifoormiin diinagdee biyyattiin eegalte galma akka gahuuf gaheen damee nageenyaa olaanaa waan ta’eef, ittisa yakkaatiinis ta’e qorannoo yakkaan bu’aa olaanaa galmeessuutu nurraa eegama jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment