Yaa’iin Idilee Dureewwanii fi Walga’iin idilee Hojii Raawwachiiftuu milkiin xumurame – Humna Waloo Nageenyaa

Finfinnee, Guraandhala 11, 2016 (FBC) – Yaa’iin Idilee Dureewwanii Gamtaa Afrikaa 37ffaa fi Walga’iin idilee Hojii Raawwachiiftootaa 44ffaan milkiin xumuramuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksise.

Nageenyaa fi Tasgabbii magaalaa Finfinnee mirkaneessuuf Humni waloo kun yaa’insa tiraafikaa caalmaatti mijataa taasisuuf Waajjira Ministira Muummee, Ministeera Dhimma Alaa, Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Waajjira Gamtaa Afrikaa waliin tumsaan hojjechuun milkaa’iina galmeessuu ibseera.

Hirmaattoonni yaa’ichaa waayita Finfinnee keessa socho’an eeggumsi Teeknooloojiin deeggarame taasiifamuu himeera.

Hojiin Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa, nageenya kabachiisuuf hojjete Afrikaanoota hunda boonsuu kan danda’uu fi Itiyoophiyaan Gamtaa Afrikaa cimsuuf qooda fi murannoo qabdu kan mul’ise ta’uu ibsa isaan eereera.

Ummanni Itiyoophiyaa fi Jiraattoonni magaalaa Finfinnee keessummoota simachuu eegalee waayita daandiin cufame obsaan eeguun dabarsuu, ajaja qaamolee nageenyaarraa kennamu karaa qajeelaan fudhachuun hojiitti hiikuun tumsa agarsiisaniif, Itti Gaafatamtoonni qaamolee nageenyaa namuusaa fi obsa gaariin itti gaafatamummaa isaanii ga’umsaan ba’uun yaa’ichi milkiin akka xumuramu qooda bahaniif Humni walichaa galateeffatera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment