Yaa’iin idilee 14ffaan raayyaa ittisaa fi nageenyaa Gamtaa Afrikaa eegale

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Yaa’iin idilee 14ffaan raayyaa ittisaa fi nageenyaa Gamtaa Afrikaa magaalaa Finfinnee galma gamtichaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’ichi har’a irraa eegalee hanga caamsaa 4,2014tti kun turu yoo ta’u, Ministiroonni Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa, Ministiroonni Ministeera Dhimmoota Alaa fi hoggantoonni olaanoon dhaabbilee nageenyaa biyyoota miseensa gamtichaa irratti kan hirmaatan ta’uu eerameera.

Yaa’ichaan Komishiniin Gamtaa Afrikaa rakkoolee walitti bu’iinsa, shororkeessummaa fi finxaalessummaan walqabatee uumaman dhaabuuf hojiilee hojjetaman irratti gabaasa kan dhiyeessu ta’uu ibsameera.

Dandeettii Humna Eeggataa Gamtichaa guddisuuf deeggarsaa fi bobbii taasifamaa jirurrattis gabaasa kan dhiyeessu ta’uu eerameera.

Wixinee imaammataa nageenya daa’immanii eeguuf ba’e imammata nageenyaa Afrikaatti hammachiisuuf mariin kan taasifamu ta’uu eerameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment