Yaa’iin hundeeffama Naannoo Giddugaleessa Ityoophiyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC)- Naannoo Sabaa fi Sabalammoota Ummatootaa Kibbaa duraanii bifa haaraan Naannoo Giddugaleessa Ityoophiyaa jedhuun gurmeessuuf yaa’iin ariifachiisaan 2ffaa bara hojii 3ffaa marsaa 6ffaan Magaalaa Walqixxeetti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, wixinee labsii aangoo fi gahee hojii qaamolee raawwachiistotaa mootummaa Naannoo Giddugaleessa Ityoophiyaa ba’ee fi wixineen sanada fooyyessa heerri mootummaa naannichaa dhiyaatee miseensotaa mana marichaan erga irratti mari’atameen booda ni raggaasifama jedhameera.

Muudamoota garaagaraa kennuu fi sagantaan naannichaa bifa haaraan moggaasaa Naannoo Giddugaleessa Ityoophiyaa jedhuun hundeessuu akka gageeffamu ibsamuu ragaan kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment