Yaa’iin hundeeffama Kookasii dubartootaa filatamoo marsaa 6ffaa  Mana maree Bakka Bu’oota Uummataan gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Yaa’iin hundeeffama Kookasii dubartootaa filatamoo marsaa 6ffaa  Mana maree Bakka Bu’oota Uummataan gaggeeffamuu ibsame.

Kookasichi waggaa shan shaniin manni mare haaraan wayita hundaa’u kan waliin hundaa’u ta’uu fi kaayyoon isaa hirmaannaa gama maraa, mirgaa fi faayidaa dubartootaa kabachiisuuf ta’uu ibsameera.

Hirmaannaa gama maraa  fi fayyadamummaa dubartootaa haala guutuu fi bu’a qabeessa ta’een mirkaneessuuf kookisichi cimee hojjechuu akka qabu Ittaantuun Afyaa’ii Mana Marechaa aadde Loomii Badhoon yaadachiisaniiru.

Hundeeffama yaa’ichaan karoorri istiraateejii waggoota 5 fi karoorri bara baajataa 2014 dhiyaatee mariin irratti gaggeeffamuu fi sagalee guutuun ragga’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment