Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa milkiin akka xumuramu tola ooltoonni gumaacha olaanaa qabu – Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos

Finfinnee, Mudde 18, 2017 (FMC) – Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa milkiin akka xumuramu tola ooltoonni gumaacha olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsan.

Leenjiin guyyoottaan 12’n darbaniif Tola ooltootaa fi Dippiloomaatootaaf kennamaa ture xumurameera.

Dooktar Xiimootiwoos Leenjitoonni Dippiloomaasii Itiyoophiyaa tumsuuf murannoo agarsiisaniif galateeffataniiru.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon gama isaaniin, Leenjichi milkiin akka xumuramu qaamolee deeggarsa taasiisan hunda galateeffataniiru.

Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaan Guraandhala 8 -9, 2017 yoo gaggeeffamu Walga’iin idilee Hojii Raawwachiiftoota 46ffaan ammo Guraandhala 5 -6, 2017 taa’aama.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment