Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa Milkaa’aa ture- Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee,Gurraandhala 10, 2014 (FBC) – Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffame Milkaa’aa ta’uu Duubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.

Ambaasaaddar Diinaan guyyaa har’aa miidiyaaleef ibsa torbanii kan laatan yoo ta’u yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa dhiyeenya kana magaalaa Finfinneetti gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuu kaasaniiru.

Gamtichi Dhaabbata Ittisa Dhibeewwan Afrikaa cimsuun haala danda’amurratti mari’achuu eeraniiru.

Furmaatawwan vaayrasii koroonaa, rakkoolee nageenyaa, jijjiirama mootummaa fi dhimmoonni fonqolcha mootummaa dhimmoota yaaddessoo ta’uun ilaalamuu isaanii eeraniiru.

Misoomni hawaasummaa fi diinagdee ajandaalee biroo turuu kaasaniiru.

Dhimmi Maallaqaa fi hariiroo daldala Afrikaa cimsuu jedhu ajandaa yaa’ichaa mariin irratti gaggeeffame ta’uu yaadachiisaniiru.

Afaan Suwaahelii afaan hojii gamtichaa keessaa tokko taasifamuu fi Afaan Amaaraas afaan hojii gamtichaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Lammiin Ityoophiyaa hojii raawwachiistuu olaantuu NEPAD taatee filatamuun ishee milkaa’ina guddaa ta’uus ibsaniiru.

Dhimma lammiilee Ityoophiyaa Sawud Arabiyaatti rakkachaa jiranii ilaalchisee qabiinsi lammiilee kanneenii akka fooyya’uuf mariin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan Sawud Arabiyaa lammiileen kunneen biyya gadi lakkisanii akka ba’an kan barbaadu ta’uu fi furmaanni haala lammiileen kunneen gara biyyasaaniitti deebi’uu danda’an mijeessuu ta’uu eeraniiru.

Maddi rakkichaa godaansa seeraan alaa ta’uu jala sararamee beekamuu qaba jedhan.

Akka biyyaatti hojii guddaan hojjetamuu qabu dhimmoota godaansa seeraan alaa hambisuu danda’anirratti ta’uu kaasaniiru.

Nageenyii fi misoomni ajandaa ijoo Ityoophiyaa ta’uu kaasuun nageenya ilaalchisee tattaaffiiwwan eegalamaniif mariin barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Dhimmoonni nagaa fi misoomaa akka dhiibbaatti osoo hin taane akka carraa gaariitti fudhatamuu akka qaban ibsaniiru.

Garaagarummaa karaa nagaan furuun dhimma xiyyeeffannoon itti laatamuu qabu ta’uu kaasaniiru.

Hariiroo Ityoophiyaa fi Ameerikaa ilaalchisee hariiroon damee bulchiinsaa waliin jiru fooyyee agarsiisaa jiraachuu addeessaniiru.

Gama biraan Ittaantuun barreessituu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammad Ityoophiyaatti argamanii bakkeewwan waraanaan miidhaman daawwachuu fi lammiilee miidhaman deeggaruuf yaalii kan taasisan ta’uu ibsuu isaanii yaadachiisaniiru.

Ittaantuun barreessituu DhMG Amiinaa Mahaammad yaalii nageenya mirkaneessuuf taasisu kan dinqisiifatan ta’uu ibsuu isaanii Ambaasaaddar Diinaan eeraniiru.

Wandasan Aragaahanyitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment