Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 36ffaan nagaan xumuramuu Humni Waloo Nageenyaa ibse

Finfinnee, Guraandhala 13, 2015(FBC)- Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 36ffaafi Yaa’iin Idilee Mana Maree Raawwachiistotaa Gamtaa Afrikaa 42ffaan nagaan xumuramuu Humni Waloo Nageenyaa ibseera.

Nageenya magaalaa Finfinnee kabachiisuuf, yaa’iinsa tiraafikaa ariifachiisuufi hojii nageenya kabachiisuu mijataa taasisuuf haala kanaan dura hin baratamneen humni walichaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaattiifi Hoteelota keessummoonni boqotanitti waajjira yeroo banuun Ministeera Dhimma Alaa, Daandii Qilleensaa Ityoophiyaafi Hoggantootaafi hojjettoota Waajjira Gamtaa Afrikaa waliin qindaa’uun wayita keessummoonni gara biyyaa dhufan sirna simannaafi adeemsa walga’ichaa itti dhiyeenyaan hordofaa turuu eerameera.

Wayita keessummoonni magaalichatti bakkeewwan garaagaraatti socho’aa turan eegumsa barbaachisaa taasisuufi hojii eegumsaa saffisiisuuf teekinooloojii ammayyaan deeggaramuu ibsameera.

Humni nageenyaa biyyattii biroonis yaa’ichi rakkoo nageenyaa kamiinuu akka hin gufanneef hojii nageenyaa dursanii irratti bobba’an irratti itti gaafatamummaa isaanii ba’achuun hojii eegumsaafi sakattoo cimaa taasisaa turuu humni walichaa yaadachiiseera.

Keessummoonni yeroo Ityoophiyaa seenan irraa jalqabee rakkoon nageenyaa osoo isaan hin mudatiin humni walichaa jiraattota magaalaa Finfinneefi uummata biyyattii waliin ta’uun sadarkaa biyyaatti hojiin nageenyaa bu’aa qabeessi hojjetamuu eerameera.

Humni walichaa jiraattota magaalaa Finfinnee, hoggantootaafi miseensota qaamolee nageenyaa nageenya magaalichaa mirkaneessan galateeffateera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment