Finfinnee, Amajjii 18, 2015(FBC)- Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 36ffaan hojiirra oolmaa gabaa bilisaa biyyoota Afrikaa saffisiisuurratti kan xiyyeeffatu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.
Ministeerri Dhimma Alaa yaa’icha gaggeessuuf qophiilee taasifaman ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.
Yaa’ichi Guraandhala 15-19, 2023tti magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Walga’iin ministirootaas Guraandhala 15, 2023 kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.
Yaa’icha milkaa’inaan gaggeessuuf Koreen qophii biyyaalessaa dhaabbilee 30 of keessatti hammate hundaa’ee hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Tigist Birhaaneetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.