Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan har’a ni eegala

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC) – Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan guyyoota lamaaf gaggeeffamu har’a Waajjira Muummee gamtichaa Magaalaa Finfinnee naannoo Caffee Aannaniitti argamutti ni eegala.

Yaa’ichi ijaarsa sirna nyaataa ardichaa, misooma qabeenya humna namaa, Diinagdee fi Hawaasummaa haala saffisiisuun danda’amurratti ni mari’ate jedhame.

Yaa’ii kanarratti hirmaachuuf hoggantoonni biyyoota Afrikaa garaagaraa Finfinnee galaniiru.

Miidiyaalee fi Gaazexeessiyoonni biyya keessaa fi Alaa hedduun yaa’icha gabaasuuf Finfinnee ga’aniiru.

Yaa’ichi Finfinneetti gaggeeffamuun isaan haala qabatamaa Ityoophiyaa yeroo ammaa hawaasa addunyaa hubachiisuuf carraa gaarii ta’uu himameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment