Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC) – Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afrikaa 35ffaa fi walga’iin Ministirootaa 40ffaan karaa nagaan akka xumuramu qophiin xumuramuun hojiitti eegalamuu Humni Waloo nageenyaa Federaalaa beeksise.
Humni Waloo Nageenyaa Poolisii Federaalaan durfamu Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afrikaa 35ffaa fi walga’iin Ministirootaa gamtichaa 40ffaan karaa nagaan akka xumuramu hojiilee hojjetamaa jiru gamaaggameera.
Humni Waloo Nageenyaa Federaalaa kun gamaggamaa taasiiseen qophii duraa, odeeffannoo waljijjiiru, hojiin qindoominaa fi dhuunfaan hojjetamu itti gaafatamummaan akkamiin raawwatamaa akka jiru, gochaa shororkeessummaa dursanii fashaleessuu fi ittisuurratti muuxannoo jiru, seera kabachiisuuf ga’umsi jiru gaarii ta’uu ilaaleera.
Waltajjiiwwan kunneen rakkoo fi sodaa nageenyaa tokko malee akka xumuramu Humni Waloo Nageenya bifa addaan qophii ga’aa taasiisuun bobbii fudhatee gara hojiitti galuu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel ibsaniiru.
Humni Waloo Nageenyaa kun Buufata Xiyyaaaratti, Galmawwan Walga’iitti, iddoolee Bashannanaatti, giddugalawwan Gabaa fi iddoolee simannaa keessummootaatti nageenya hirmaatootaa mirkaneessuu dabalatee waltajjiiwan kunneen rakkoo tokko malee akka xumuramu qophii ga’aa taasiisuu himuu isaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.
Haalonni shakkisiisoon wayita muul’atan hawaasni biyyattii hundi lakkoofsawwan bilbilaa +251115-52-63-03, +251115-52-40-77, +251115-54-36-78 fi +251115-54-36-81 akkasumas sarara bilisaa 987, 991 fi 816 irratti eeruu laachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.