Yaa’iin hoggansa olaanaa biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa koorniyaa idileessuu fi barnootarratti xiyyeeffate Finfinneetti taa’amaa jira

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC)- Yaa’iin hoggansa olaanaa biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa koorniyaa idileessuu fi barnootarratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti taa’amaa jira.
 
Yaa’ichaanis qaqqabama barnoota daa’immanii fi dubartootaarratti mari’atamaa jira.
 
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeenis waltajjicharratti argamuudhan, manneen barnootaa aardittii walitti bu’iinsaa fi waraanarraa bilisa gochuun akka barbaachisu eeraniiru.
 
Aardii Afrikaatti daa’imman miiliyoonni 12 ol sababii walitti bu’iinsatiin barnootarraa fagaataniit argamu.
 
Kanneen keessaa %55 daa’imman shamarrani.
 
Naannolee Sahaaradhaa gadiitti bakka walitti bu’iinsi itti heddummaatutti shamarran %90 ta’an manneen barnootaa ejjetanii hin beekani.
 
Bara 2020tti aardii dhukaasni qawwee itti hin dhaga’amne gochuuf hojjetamuu qaba jedhaniiru.
 
Comments (0)
Add Comment