Yaa’iin hawaasummaa fi jijjiirrama amalaa biyyaaleesaa 2ffaan eegalame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2012 (FBC) – Yaa’iin hawaasummaa fi jijjiirrama amalaa biyyaaleesaa 2ffaan ‘hawaasummaa fi jijjiirrama amalaa dhimma fayyaaf’ dhaadannoo jedhuun gaggeeffamuu eegalee jira.

Yaa’iin kun Sadaasa 29 hanga Muddee 1 ,2012 tti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Damee fayyaan du’aatii haadholii fi daa’immaanii hir’isuu fi dhibeewwan daddarboo ittisuuf hojiin hojjetame gaarii ta’us ammalee rakkoon hin furamne jiraachuu Ministirri Fayyaa Dooktar Amiir Amaan dubbataniiru.

Rakkoolee fayyaa hin furamne irratti jijjiirrama fiduuf ogeeyyiin fayyaa fi dhaabbileen fayyaa hawaasummaa fi jijjiirrama amala irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qabu jedhan.

Yaa’ii kana irratti barreeffamni qorannoo 26, dubbiiwwan onnachiisoo fi muuxxaannoo wal jijjiirran ni dhiyaatu.

Dabalataan dhaabbilee barnootaa olaanoon keessatti qorannoon gaggeeffamuu fi dhaabbilee mootummaa fi mit mootummaan hojiin jijjiirrama hawaasaa fiduuf hojjetaman waliiti hidhuun bu’aa caaluuf akka qophaa’u kallattiin ni kaa’ame jedha ragaan Ministira Fayyaa argame.

Comments (0)
Add Comment