Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC) – Yaa’iin Godaansaa naannawaa Gaanfa Afrikaa 4ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Ityoophiyaan lammiilee isheef biyya keessatti carraa hojii uumuun Godaansa Ittisuuf hojiilee hojjetaa jirtu ilaalchisee Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Asagid Geetaachoow baniinsa yaa’ichaarratti haasawa taasiisaniin ibsaniiru.
Gondaansa Ittisuuf Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa biroo waliin hojjechuuf qophii ta’uu himaniiru.
Hojiilee Ityoophiyaan Godaansa Ittisuuf hojjetaa jirtu kan tumsan ta’uu Dhaabbata Godaansaa Idil Addunyaatti Itti Aanaa Hogganaan damee Ityoophiyaa Jiiyaan Zhii’oon ibsaniiru.
Yaa’ii har’aa jalqabee gaggeeffamaa jiru kanarratti bakka buutoonni biyyoota 11 argamuu TOI gabaaseera.
Yaa’ii guyyoota 4f turu kanaan Carraa Hojii uumaa fi Godaansa namootaa, Imaammataa fi dhimmoota biroorratti ni mari’ataan eegama.
Yaa’icha Ministeerri Hojii fi Ogummaa dhaabbata Godaansaa Idil Addunyaa waliin tumsaan kan qopheessan ta’uu ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.