Yaa’iin Gamtaa Awurooppaa-Gamtaa Afrikaa 6ffaan eegale

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2014 (FBC)- Yaa’iin Gamtaa Awurooppaa-Gamtaa Afrikaa 6ffaan guyyaa har’a Beeljiyeem Biraaslisitti eegaleera.

Yaa’iichi har’a fi boruu kan gaggeeffamuu yoo ta’u, hoggantoonni biyyoota miseensa gamtoota akka hirmaatan ibsameera.

Yaa’ichaan hoggantoonni badhaadhinaa dhoguumsuuf hojjechuu akka qaban yaadoota ilaallatanii fi dhimmoota nageenyaa fi tasgabbiirratti ni mari’atuun eegama.

Yaa’ichaaf Muummeen Ministira Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biroon Biraaslisitti argamaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment