Yaa’iin Gamtaa Afrikaa nagaan akka xumuramuuf qophii taasisuun hojjechaa jiraachuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksise

Finfinnee, Guraandhala 8, 2015 (FBC)- Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa nagaan akka xumuramuuf qophii barbaachisaa taasisuun hojiitti seenuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksise.

Humnichi waloo akka beeksisetti yaa’ichi wayita gaggeeffamu jiraattonni magaalatti hundi duudhaa Ityoophiyummaa fi aadaa keessummaa simachuun yaa’ichi nagaan akka xumuramuuf deeggarsaa fi walta’iinsa irraa eegamu taasisuuf duubatti kan hinjenne ta’uu, milkaa’inaaleen galmaa’aa turan ragaa ta’uu yaadachiiseera.

Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaas yaa’ii Gamtaa Afrikaa baranaa nagaan akka xumuramuuf qophii barbaachisaa taasisuun itti gaafatamaa fudhachuun hojiitti seenuu beeksiseera.

Ityoophiyaan dureewwan biyyoota garaagaraa fi keessummoota biroo yaa’ichaarratti hirmaatan simachuun wayita keessummeessitu, qixa itti gaafatamaa fi amanamummaa kennameefiin nageenya keessummootaa eeguu fi mirkaneessuun qaamolee nageenyaarraa kan eegamu ta’uu eereera.

Shaakala gochaan dabaalamee fi qophii gahaa taasisuus ibseera.

Hoteelota, naannawaa bashaannanaa fi gabaa akkasumaas naannawaa keessummoonni bal’inaan socho’anitti xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu himeera.

Kanaaf jiraattonni magaalattii hundi, yakkoonii fi sodaan nageenyaa akka hinuumamne qaamolee nageenyaa waliin ta’uun, akkuma baratame deeggarsa fi walta’iinsa barbaachisaa taasisuu akka qaban hubachiiseera.

Keessumaa dandiiwwan keessummoonni irraa darban wayita cufaman, konkolaattonnii fi namoonni obsaan akka eegan yookaan daandiiwwan filmaataa fayyadamuun ijaarsa maqaa gaarii biyyaa irratti gahee gama isaanii akka gumaachan Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa waamicha dhiyeesseera.

Wayita haalonni shakkisiisoon mudatanittis, tajaajila poolisii argachuuf toorota bilbilaa 011-1-11-01-11; 011-5-52-63-03; 011-5-52-40-77; 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81akka fayyadaman akkasumas, toorota bilbila bilisaa 987; 991 fi 816 fayyadamuun eeruu kennuu, dabalataanis qaamolee nageenyaa naannawaatti argamuuf odeeffannoo kennuu akka danda’an yaadachiiseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment