Yaa’iin Gamtaa Afrikaa milkaa’aafi Ityoophiyaan ejjennoo ishee kan itti mul’iste ture- Ambaasaaddar Mallas Alam

Finfinnee, Guraandhala 15, 2015(FBC)- Yaa’iin Gamtaa Afrikaa milkaa’aafi Ityoophiyaan ejjennoo ishee kan itti mul’iste ture jedhan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam.

Yaa’icharratti hoggantoonni biyyoota 29fi bakka bu’oonni biyyoota Afrikaa, Awurooppaa, Ameerikaafi ardiilee biro 53 hirmaachuu Ambaasaaddar Mallas Alam ibsa kennaniin eeraniiru.

Gaazexeessitoonni kumni 1 ta’an yaa’icha gabaasuus dubbataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa koree biyyaalessaa hundeessuun yaa’ichi haala sadarkaa isaa eeggateen akka gaggeeffamuuf hojjechuu eeraniiru.

Ityoophiyaan faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuuf yaa’icharratti dammaqinaan hirmaachuu kaasaniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment