Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Yaa’iin Gamtaa Afrikaa kan maqaa gaarii Ityoophiyaa itti ijaarru ta’uu qaba jedhan Ministirri Ministeera Tuurizimii Ambaasaaddar Naasiisee Caaliin.
Ambaasaaddar Naasiisee Caaliin walga’ii Mana Maree Ministirootaa fi Ergamtoota dhaabbii idilee gamichaa milkeessuuf har’a qooda fudhattoota waliin Hoteela Iskaay Laayitiitti mari’ataniiru.
Marii kanarratti bakka buutoonni Ministeera Dhimma Alaa, Tajaajila Tika Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa, Tajaajila Elektirikaa, Ityoo- Teeleekoom, Abbaa Taayitaa Daandiwwanii magaalaa Finfinnee, Komishinii hoggansa Balaa Ibiddaa, Waldaa Hoteeloota Finfinnee fi dhaabbileen Daawwachiiftoota argamaniiru.
Hoggantoota Gamtaa Afrikaa fi qaamolee biroo yaa’icharratti hirmaataan sirnaan keessummeessuun maqaa gaarii biyyaa ijuuruuf qaamni hundi dirqama lammummaa isaa ba’uu akka ibsameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.