Yaa’iin galma misooma waaraa Dargaggoota Afrikaa Arfaffaan eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Yaa’iin galma misooma waaraa Dargaggoota Afrikaa Arfaffaan Fnfinneetti eegalame.
Ministir Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Aadde Xiiruumaar Abaataan yaa’ii guyyoota 3f turu kana Finfinneetti eegalchiisaniiru.
Yaa’ichi Ajandaa dargaggootaa bara 2030 fi 2063 ilaalchisee ga’ee dargaggootarratti xiyyeeffachuun akn eegalamu ta’uu ibsameera.
Aadde Xiruumar hirmaattoota yaa’ichaan baga nagaan dhufanii jedhaniiru.
Dargaggoonni dandeettii qaban fayyadamuun yaadota haaraa Badhaadhinaaf furtuu ta’an yoo maddisiisaan qormaatilee muudatan injifachuun ni danda’ama jedhan.
Galmoota idil addunyaa fi ardiilee milkeessuuf Imaammannii fi Tarsiimoon hammataa fi hirmaachisaa ta’uu isaanirratti mariin ifatti kan gaggeeffamu ta’uu kaasaniiru.
Ityoophiyaan karoora waggaa 10 keessatti Galmoota misoomaa itti fufaa fi ajandaa 2063 qabachuu Ministir Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Aadde Xiruumaar eeraniiru.
Yaa’iin galma misooma waaraa Dargaggoota Afrikaa Arfaffaan dargaggoonni Ardichaa waa’ee galma misooma waaraa kan itti baranii fi hojiirra oolmaasaarratti hirmaannaa isaanii kan itti cimsatan ta’uu Ragaan Ministeera Pilaanii fi Misoomarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment