Yaa’iin Dureewwan Gamtaa Afrikaa har’a fi boru gaggeeffamaa

Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)-Yaa’iin Dureewwan Gamtaa Afrikaa 37ffaan har’aa fi boru Finfinnee galma gamtichaatti gaggeeffamaa.
 
Yaa’ichi, mata duree “Barsiisa Afrikummaa Jaarraa 21ffaa, sirna barnootaa hinraafamne ijaaruun Afrikaatti, waliingahiinsa barnootaa qulqullina qabu, hunda galmeessa mirkaneessuu” jedhuun kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.
 
Dabalataan fooyya’iinsa dhaabbatummaa, walitti hidhamiinsa nageenya fi daldalaa, qonnaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaa, mirgoota namoomaa, sirna koorniyaa fi dargaggoota ga’oomsuu akkasumas gurmaa’iinsa fi dhaabbileen ajandaa yaa’ichaa ijoo ta’uun ibsameera.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
 
Yaa’icharratti hirmaachuuf Dureewwan biyyoota fi bakka bu’oonni dhaabbilee garaagaraa Finfinnee galuun ni yaadatama.
Comments (0)
Add Comment