Yaa’iin dhiyeessitoota qorichaa idil addunyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 14, 2016 (FBC)- Tajaajilli dhiyeessii qorichootaa Itiyoophiyaa kan qopheesse Yaa’iin 3ffaan Dhiyeessitoota Qorichaa Idil Addunyaa gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi oomishtoonni fi dhiyeessitoonni qorichootaa idil addunyaa biyya keessatti akka oomishaniif carraalee invastimantii uumuuf kan tumsuudha jedhameera.

Dabalataan, fuuncaa dhiyeessii qorichootaa irratti rakkoolee mul’atan mariin furuu fi oomishtoonni oomisha isaanii biyya keessa akka galchan taasisuuf yaadamee ta’uun ibsameera.

Tajaajilli dhiyeessii qorichaa Itiyoophiyaa qorichootaa fi galteewwan wal’aansaa %83 ta’an kan uwwisu ta’uun yaa’icharratti eerameera.

Fayyadamummaa biyyaalessaa fi idil addunyaa qajeelfamarratti kan hundaa’e akka ta’uuf dandeetti kuufamaa biyya keessaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Waltajjicharratti dhaabbileen mootummaa biyya keessaa, dhiyyeesitoonni qorichootaa fi sadarkaa idil addunyaatti qaamoleen dhimmichi ilaallatuu hirmaataniiru.

Miniyichil Azzazaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment