Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaa manneen amantaa hundatti sagantaan galateeffannaa qophaa’uu beeksiise

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaa ergaa galateeffannaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dhiyeessan hordofee manneen amantaa hundatti sagantaan galateeffannaa qophaa’uu beeksiise.
Ergaan galateeffannaa Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ‘Ityoophiyaan haa galateeffatu’ dabarsan ergama yaa’ichaa waliin hidhata kan qabuu ta’uu isaa Walitti Qabaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaa lubni Taagaay Taaddalaan ibsaniiru.
Abbootiin Amantaa Islaamaa Jimaata dhufu hordoftoota amantichaa sirna Solaata Juma’aa irratti daqiiqaa 3’f sagantaa galateeffannaa akka raawwachiisan yaa’ichi waamicha dhiyeessuu himaniiru.
Sanbata Adoolessa 23, 2014 manneen Amantaa Kiristiyaanaa Adveentistii sagantaa kadhannaa isaaniin daqiiqaa 3’f uumaa isaanii akka galateeffan, Manneen Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii, Gamtaan Amantoota Wangeelaa, Makaana Iyyasuusiin Ityoophiyaa fi Manneen Amantaa Kiristiyaanaa Qaala Hiyiwat sagantaa kadhannaa isaaniin Dilbata dhufu Daqiiqaa 3’f sagantaa galateeffannaa kana qopheessuu isaanii lubichi ibsa isaaniin eeraniiru.
Hayimaanoot Iyyaasuutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment