Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaa mana kitaabaa Abrihootiif kitaabilee kuma 7 gumaache

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) –  Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaa mana kitaabaa Abrihootiif kitaabilee kuma 7 gumaachuu Barreessaa Olaanaan yaa’ichaa Lubni Taagaay Taaddalaa ibsaniiru.

Kitaabilee kanneen waajira yaa’ichaa fi manneen amantaalee miseensa yaa’ichaarraa walitti qabuun guyyaa har’aa mana kitaabichaaf dabarsanii kennuu himaniiru.

Sirna wal harkaa fuudhiinsa kitaabilee kanneeniirratti miseensonni boordii hojii raawwachiistuu yaa’ichaa, koreen qindeessaa Waajjira Muummee Ministiraa, koreen qindeessaa Yuunvarsiitii Finfinnee fi miseensonni waldaa barreessitootaa argamuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment