Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa waliigaltee nageenyaa kan deeggaru ta’uu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa waliigaltee nageenyaa Mootummaa Ityoophiyaafi ABUT gidduutti mallatteeffame kan deeggaru ta’uu ibse.

Waliigaltichi barbaachisaa ta’uufi yaa’ichi kan deeggaru ta’uu Barreessaa olaanaan yaa’ichaa Lubni Taagaay Taaddalaa ibsa miidiyaaleef kennaniin ibsaniiru.

Milkaa’ina waliigaltichaaf hundi akka tumsi waamicha dhiyeessaniiru.

Waliigalticha ilaalchisuun qaamoleen gama miidiyaa hawaasummaan ergaawwan hin barbaachifne tamsaasan gochaa isaaniirraa akka ofqusatan yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaanonni, dhalattoonni Ityoophiyaafi michuuwwan ishee deeggarsa namoomaa akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Ashannaafii Shibbiruufi Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment