Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC)-Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa daawwatan.
Abbootiin eegdootaa olaanoo yaa’ichaa raawwii ijaarsaa hidhichaa qamaan argamuun ilaalaniiru.
Daawwannaan boodas Ityoophiyaa fi uummata isheef kadhannaa taasisaniiru.
Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa guyyoota shanan Qaammeetiin sadarkaa biyyaaleessaatti sirni kadhannaa akka taasifamu labsuusaani ni yaadatama.
Barreessaa olaanaan Yaa’iichaa Luuba Taagaay Taaddalaa, fakkeenyummaa tokkummaa fi barmadummaa Ityoophiyaa kan ta’ee hidhacha daawwachuusaanitti gammannee jira jedhaniru.
Bara haaraa 2014 kanattis Ityoophiyaaf Nageenyaa fi abdii haaraa akka fiduuf ni hawwiiinaas jedhan Luubni Taagaay.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.