Yaa’iin dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa hawaasaa fi abbootii amantaa Ityoophiyaa Kuwaataritti argaman waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC) – Yaa’iin dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa hawaasaa fi abbootii amantaa Ityoophiyaa Kuwaatar Dohaatti argaman waliin dhimmoota garaagaraatti mari’ataniiru.
Lammiilee Ityoophiyaa, dhalattootaa fi abbootii amantaa Kuwaatar Dohaa jiraatan waliin mari’atamuu Barreessaan Walii galaa Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa Qees Taagaay Taaddalaan ibsaniiru.
Dohaatti damee waajjira dhaabbatichaa banuu, deeggarsa namoomaa namoota sababa waraanaa fi hongeen miidhamniif haala taasiisuun danda’amurratti mari’atamuu ibsaniiru.
Kuwaatar Dohaatti koree gurmeessaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa moggaasuun Caamsaa 18, 2014 booda Damee Waajjiricha banuuf murtaa’uun eeraniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment