Yaa’iin Dargaggoota Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2015(FBC)-  Qopheessummaa Ityoophiyaan yeroo jalqabaaf kan gaggeeffamu Yaa’iin Dargaggoota Afrikaa magaalaa Finfinnee galma Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi yaadamaafi falaasama Paan Afrikaanizimii dhaloota haaraa ardichaaf beeksisuu akkasumas waliin jireenya cimsuurratti kan Kaayyeffate yoo ta’u, hoggantoonni dargaggootaa biyyoota 50 olirraa walitti babba’an kan hirmaatan ta’uu eerameera.

Yaa’ichi guyyoota sadiif kan turu ta’uus ibsameera.

Sirna siyaasaa idil addunyaa keessatti ga’ee Afrikaan akka ardiitti qabdu akka cimuuf dargaggootatti mul’isuun akkasumas walitti hidhamiinsa cimsuun kaayyoo biraa yaa’ichaa ta’uu addeeffameera.

Yaa’icharratti hoggantoonni duraanii Ityoophiyaa muuxannoo isaanii ni qooduun kan eegamu ta’uufi Ministiroonni Waajjiraalee Ministeerotaa hundi keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman ta’uu ibsameera.

Qorannoowwan tumsaafi obbolummaa Afrikaarratti xiyyeeffatan dhiyaachuun mariin irratti kan taasifamu ta’uu eerameera.

Dargaggoota dabalataan maatiin qabsaa’ota duraanii Afrikaa yaa’icharratti kan hirmaatan ta’uufi qabsaa’ota kanneeniif gama Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad badhaasni kan kennamuuf ta’uu ragaan waajjira kantiibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment