Yaa’iin daldalaa Jarman- Afrikaa 4ffaan Johaanisbargitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde1, 2015 (FBC) – Yaa’iin daldalaa Jarman- Afrikaa 4ffaan Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargitti gaggeeffamaa jira.

Mootummaan Jarman Afrikaatti sochii daldalaafi invastimantii jajjabeessuuf deeggarsa kan taasisu ta’uu Ittaanaan Chaansilaraafi Ministirri Ministeera Dhimmoota Diinagdee Jarman Roobart Haabeek haasawaa taasisaniin ibsaniiru.

Yaa’icharratti Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Muktaar Kadir kan hirmaatan yoo ta’u, yaa’ichaan cinaatti hoggantoota biyyoota garaagaraafi hawaasa daldalaa waliin dhimmoota gamlameerratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment