Yaa’iin Daayrektaroota Istaatistiksii Afrikaa 8ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015(FBC)- Yaa’iin Daayrektaroota Istaatistiksii Afrikaa 8ffaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin yaa’icharratti argamuun haasawaa taasisaniiru.

Obbo Dammaqaan haasawaa taasisaniin, Afrikaatti guddina waaraa fiduuf, imaammata garaagaraa baasuufi murtoowwan dabarsuuf ragaaleen bu’uuraa ga’ee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Ityoophiyaatti ragaalee bu’uuraa teekinooloojiin deeggaruun karaa ammayyaa’aa ta’een qabuuf hojiin eegalamuu kaasaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa galmeessa ragaalee bu’uuraa ammayyeessuuf gahee isaa ni ba’ata jedhaniiru.

Yaa’ichi guyyoota jahaaf kan turu yoo ta’u, weerara vaayirasii koroonaan booda qaamaan yeroo jalqabaaf gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Yaa’icharratti mariin galmeessa ragaalee bu’uuraa ardichaarratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment