Yaa’iin ‘Compact with Africa’ yaa’ii dhageettiin Itiyoophiyaa dabalaa dhufuu mirkaneesseedha – Obbo Maammoo Mihiratuu

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) –Yaa’iin ‘Compact with Africa’ yaa’ii dhageettiin Itiyoophiyaa dabalaa dhufuu caalmaatti mirkaneesse ta’uu Pireezidaantiin Baankii Biyyaaleessa Itiyoophiyaa Obbo Maammoo Mihiratuun ibsan.

Obbo Màammoon turtii Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad Jarmanitti taasiisan ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Yaa’ichi caalmaatti dhimmoota Diinagdeerratti kan xiyyeeffate ta’uu kaasaniiru.

Jarman dabalatee biyyoonni Awurooppaa hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qaban cimsuu barbaadu jedhan.

Marii Chaansilara Jarmaan Olaaf Shooliz waliin taasiifameen dameewwan adda addarratti tumsaan hojjechuuf waliigalamuu ibsaniiru.

Marichaan booda Jarman bara Faranjootaa 2030 Inisheetivii Inarjii Magariisaa Afrikaaf Yuuroo biiliyoona 4 ramaduuf waadaa galuu himaniiru.

Jilli Dooktar Abiy waliin gara sana imale hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin mari’achuu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment