Yaa’iin Ce’umsa Haqaarratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 7, 2015 (FBC) – Ministeerri Haqaa fi Gamtaan Afrikaa waloon kan qopheessaan Yaa’iin Ce’umsa Haqaarratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti muuxannoon ogeeyyii idil addunyaa kan dhiyaatu ta’uu eerameera.

Mootummaan Ce’umsa Haqaa mirkanneessuuf murannoo qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Alemantee Aggidaaw yaa’icharratti ibsaniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuu fi kabachiisuuf qooda qabaachuu kaasaniiru.

Mootummaan garee ogeeyyii walabaa hundeessuun hojiirra oolmaa isaaf kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Bu’aa qabeessummaa fi walabummaa isaaf deeggarsa hunda galeessa kan taasiiu ta’uu himaniiru.

Ce’umsa Haqaa Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu bu’aa qabeessa taasiisuuf deeggarsa kan taasiisu ta’uu Gamtaan Afrikaas ibseera.

Afawarqi Iyyaayyuu fi Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment