Yaa’iin Caffee qormaatilee akka biyaatti mudate injifannoodhaan cee’uun gaggeeffamuunsaa adda taasisaa-aadde Sa’aadaa

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC)- Afayaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan haasaa baniinsaa taasisaniin, qormaatilee akka biyaatti nu mudate injifannoodhaan cee’uun gaggeeffamuunsaa yaa’ii addaa isa taasisaaa jedhaniiru.

Rakkoolee akka naannootti mudatan keessaa hongeen isa tokko jedhaniiru.

Hongee kanaan midhaan guddaan akka hin qaqqabne hojjetameera.

Haa tahu malee ammas tumsi uumataa cimee itti fufuu qabas jedhaniiru.

Miseensoonni caffees dhimma kanarratti xiyyeeffannaa addaa keennee hojjechuu qabu jechuun dhaamaniiru.

Dhimmi nageenyaa dhimma ijoo caffee kanaati. Kanaaf dhimmi nageenyaa dhimma qaama nageenyaa qofaa waan hin taaneef hundi tumsaan nageenya naannoo isaa eeguu qabas jedhaniiru.

Saamicha lafaa fi ijaarsi seeraan alaa akkasumas rakkooleen bulchinsa gaarii akka furaman xiyyeeffannoodhaan hojjetamuu qaba jedhaniru.

Daagmaawii Deeksisaa, Gammachiis Tarikuu, Afwarqi Alamuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment