Yaa’iin bulchiinsa Interneetii Idil Addunyaa bu’uuraalee misoomaa Interneetiirratti xiyyeeffachuu qaba-Aadde Huuriyaa Alii

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015 (FBC)- Jaappaanitti kan gaggeeffamu yaa’iin 18ffaan Bulchiinsa Interneetii Idil Addunyaa bu’uuraalee misoomaa Interneetiirratti xiyyeeffachuu akka qabu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin dubbatan.

Mariin dureewwan olaanoo Yaa’ii Bulchiinsaa Interneetii Idiladdunyaa Ostiriyaa Veeyinaatti gaggeeffamaa jira.

Aadde Huuriyaan waltajjicharratti argamuun haasawaa taasisaniin, biyyoonni guddatan bu’uuraalee misoomaa intarneetii kan hinqabne ta’uu, biyyoota guddachaa jiran garuu gama kanaan qormaanni mudachaa jiraachuu kaasuun, yaa’ichi dhimma kanarratti xiyyeeffachuun mari’achuu akka qabu ibsaniiru.

Koorniyaa, afaan, ogummaa, waliingahiinsa interneetii, walmadaala gatii fi dhimmoota biroorratti garaagarummaan qoqqoodoon jiraachuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan Jaappaanitti bara dhufu kan gaggeeffamu yaa’iichi dhimmoota kanneenirratti xiyyeeffachuu akka qabu eeruu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Yaa’ii 17ffaa Bulchiinsa Interneetii Ityoophiyaan milkaa’inaan keessummeessuun, qopheessummaa yaa’icha 18ffaa Jaappaanitti dabarsuun ni yaadatama.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment