Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)- Yaa’iin BRICS Itiyoophiyaaf Waltajjii hariiroo Idil Addunyaa bal’aa kan uume ta’uun ibsame.
Itiyoophyaatti Embasiin Raashiyaa, Ambaasaddaroonni biyyoota miseensaa, hoggantoonni ministeera dhimma alaa fi miidiyaaleen bakka argamanittii bu’aalee Yaa’ii BRICS 16ffaa Kaazaanitti gaggeeffamee fi fuulduratti hojiirra oolmaa Waadaa Kaazaan irratti ibsa kenneera.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddaarri Raashiyaa Ivgeenii Tarkihiin akka jedhanitti, yaa’iin BRICS 16ffaan biyyoonni miseensaa walta’iinsa isaanii daran cimsuu fi miseensota haaraa horachuun haala danda’murratti mariiwwan bu’aa qabeessi taasifamaniiru.
Itiyoophiyaan dhimmoota biyyaalessaa fi Idil Addunyaarratti walta’iinsaan hojjechuu fi ejjennoo dhimmoota Idil Addunyaarratti qabdu ibsuun, yaa’icharratti bu’aa qabeessaa taasiseera jedhan.
Yaa’ichaan cinaattis walta’iinsa dameewwan fayyaa, teeknooloojii, faayinaansii fi daldalaarratti dureewwan biyyoota garaagaraa waliin marii bal’aa taasisuun waliigalteerra ga’uu ishee ibsan.
Hirmaannaa fi walta’iinsa Itiyoophiyaan BRICS keessatti qabdus dagaagina kaayyoo biyyoota miseensaaf akka gumaachu himaniiru.
Dabalataan dameewwan siyaasaa fi diinagdee naannawaarratti hariiroo fi galmoota biyyoota miseensaaf ni gumachiti jedhan.
Yaa’ii BRICS 16ffaarratti sirna Idil Addunyaa haqa qabeessaa uumuuf kallattii akeekuu fi waadaa Kaazaan raggaasisuun xumuramuun ni yaadatama.
Tsaggaa Taarikuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia