Yaa’iin BRICS 16ffaan Kaazaanitti gaggeeffamaa jira

Walgahiin cufaan Yaa’ii BRICS 16ffaa mata duree ” Hariiroo cimaa gamhedduu Misoomaa fi Nageenya Addunyaa ammaayyaaf’ jedhuun ganama har’aa gaggeeffamerratti Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad haasawa taasiisaniiru.

Itiyoophiyaan bara Faranjootaa 2023 biyyoota miseensa BRICS akka ta’an affeeraman keessaa ishee tokko ta’uun kan yaadatamuudha.

Amajji 2024 eegaltee Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa ta’uun sochuu jalqabuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment