Yaa’iin Biyyaalessaa Hararii murtoowwan garaagaraa dabarsuun xumurame

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC)- Yaa’iin idilee Biyyaalessaa Hararii 2ffaa marsaa 6ffaa waggaa 1ffaan murtoowwan garaagaraa dabarsuun xumurameera.

Af yaa’iin yaa’ichaa obbo Muhiyidiin Ahimad yaa’ichi murtoowwan garaagaraa dabarsuu eeruun, raawwii karoora bara 2014 gamaaggamuu dubbataniiru.

Hojiilee biirolee Aadaa, hambaalee fi tuurizimii akkasumas Barnootaa bara baajataa 2014 keessa hojjetaman gamaaggamuu ibsaniiru.

Dabalataanis karoora bara 2015 fi karoora tarsiimawaa waggoota 4 qorachuufi kallattii kaa’uun raggaasisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Yaa’ichi aadaa, afaaniifi hambaalee hawaasichaa eeguufi misoomsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment