Yaa’iin bishaan, nyaataa fi inarjiirratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Yaa’iin idil addunyaa wabii nyaataa, bishaanii fi inarjiirratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi Yuunivarsiitii Intarnaashinaalii Filooriidaa, Giddugalaa Beekumsaa Bulchiinsa Bishaanii Afrikaa fi qaamolee biroo waliin ta’uun kan qophaa’eedha.

Yaa’icharratti Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan, Ityoophiyaan imala guddinaa eegalte galmaan ga’uuf qabeenya bishaani qabdu sirnaan fayyadamuu qabdi jedhan.

Qabeeya bishaaniin alatti inarjii, jallisii fi wabii nyaataa mirkaneessuun hindanda’amu jedhanii, bulchiinsa qabeenya bishaaniirratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Yaa’ii guyyootaa lamaaf tururratti qorannoowwan 100 ol dhiyaachuun kan irratti mari’atamu yoo ta’uu, ogeeyyiin damechaa biyya keessaa fi alaa hirmaacha jiru jedhameera.

Maddi :-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment