Yaa’iin Barnootaa Naannoo Oromiyaa 25ffaa Adaamaatti eegalame

Finfinnee, Mudde 9, 2015 (FBC)- Yaa’iin Barnootaa Naannoo Oromiyaa 25ffaa Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamuu eegale.

Yaa’ichi bakka Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa, qondaltonni hojii mootummaa naannichaa, hawaasni barnootaa fi qoodaa fudhattoonni biroon argamanitti gaggeefffamaa jira.

Sirna baniinsaa yaa’ichaarratti Hogganaan Biroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon, Biroon Barnootaa Oromiyaa carraa barnootaa walgitu babal’isuu, gahumsa keessoo cimsuu, sadarkaa fi qulqulina barnootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Rifoormii sirna barnootaa hojiirra oolaa jiraachuu eeranii yeroo ammaa murtee Mootummaa Naannoo Oromiyaan waliingahiinsa barnootaaf xiyyeeffannaan addaa kennuun mirga Afaan ofiin barachuu Finfinnee dabalatee Naannolee ollaattis babal’isaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojiin gama kanaan eegalame itti fufa wacni kamuu mirga heera mootummaan kenname daangessu hinjiraatus jedhaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhakim Muluu gamasaaniin, akka biyyattis ta’e Oromiyaatti rakkoon olaanaa damee barnootaa mudataa jiru qulqullina barnootaa waan taheef mootummaan sirni barnootaa duraan ture akka fooyya’u taasisuu fi kanaan walqabatee hanqina kitaabilee guutuf hojjetamuu akka qabus hubachiisan.

Waggootii lamaan darban manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifa Boruu 100fi manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 3 fi 377 gahuun danda’amuu eerun, hanga baatii Sadaasa darbeettis barattoota manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa Miiliyoona 3.5’f nyaatni dhihaachaa jiraachuu fi kanas gara miiliyoona 7.5tti guddisuuf ni hojjetama jedhan.

Yaa’ii kanaan rakkoolee sirna barnootaa keessatti mul’ataniif xiyyeeffannaa addaa kennuun mariin furmaataa ni kaa’ama jedhamee eegama.

Gammachiis Taarikuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment