Yaa’iin Barnootaa Finfinnee eegale

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC)- Yaa’iin Barnootaa Finfinnee, bara barnootaa 2016 mata duree “Hirmaannaa hunda galeessaa fooyya’insa sadarkaa dhaabbilee barnootaa” jedhuun gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’ichis hanqina fi ciminoota bara barnoota 2015 adda baasuu, sadarkaa hojiileen dhaloota beekumsaa fi naamusaan qaban horachuu irra jiru gamaaggamuu, ciminoonni jiran akka itti fufan, sababoota hanqinaalee adda baasuun haala sirreessuun danda’murratti kallattiin kan kaa’amu ta’uu Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Bu’aalee fooyya’oo bara 2015 galmaa’anii fi firiin isaanii abdii qabeessa ta’anis, kan hojjetamanii fi milkaa’aanitti utuu hinquufiin injifannoo caaluuf qophii taasisuuf yaa’ichaan yaadonni faayida qabeessa ta’an akka ka’an abdii qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment