Yaa’iin Aviyeeshinii Afrikaa 5ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Yaa’iin Aviyeeshinii Afrikaa 5ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
 
Yaa’ii fi agarsiisni Aviyeeshinii Afrikaa kun har’a magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
 
Yaa’ichaan damee aviyeeshinii fi dhiibbaa koroonaavaayrasii fi fala isaarratti mari’achuudhan kallattiin ni kaa’amaan eegama.
 
Yaa’icharratti indaastirii daandiiwwan qilleensaa Afrikaa fi koroonaavaayrasiirratti ni mari’atama.
 
Daandiiwwan qilleensaa Afrikaa heedduu(100 ol ta’an) fi dhaabbileen damichaan hidhata qaban hirmaachaa jiru.
 
Waltajjichaanis imaltoota indaastirichaa akkaataa saaxilama vaayrasicharraa ittisuun danda’amurratti ni mari’atama.
 
Yaa’ichi har’aa fi booru Hoteela Skaaylaayititti itti fufuun gaggeeffama.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment