Yaa’iin Afrikaa-Raashiyaa biyyoota Afrikaa 49 hirmaachise ni gaggeeffama

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)- Yaa’iin Afrikaa Raashiyaa biyyoota Afrika 49 hirmaachise Raashiyaa Magaalaa Peetirsibargitti akka gaggeeffamu Kireemliin beeksise.

Yaa’ii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kana ilaalchisuun Gargaaraan Pireezidaanti Putiin Yuurii Ashkoov ibsa miidiyaaleef kennaniin, yaa’ii durreewwanii Afrikaa Raashiyaa 2ffaa kanarratti pireezidaanti Putiin haasawaa akka taasisan eegama jedhan.

Yaa’icharratti biyyoonni Afrika 49 kan hirmaatan yoo ta’u, biyyoonni shaan ammoo akka hinhirmaanne eeraniiru.

Biyyoota Afrikaa 49 keessaa dureewwan biyyoota 17 kan hirmaatan yoo ta’u, biyyoonni shan ammoo ittaantota pireezidaantotaan, biyyoonni afur qondaaltotaa olaanoo mootummaa fi akka biyyaatti ammoo hoggantoota paarlaamaa bakka buusuun akka hirmaataan akeekaniiru.

Biyyoonni 17 Ittaantota Muummee Ministiraa yookaan Ministirootaa Dhimma Alaan akka hirmaataanii fi biyyoon shan ammoo ambaasaaddaroota isaanii bakka buusuun akka hirmaatan ibsameera.

Yaa’ichi mata duree “Nageenyaaf tasgabbii fi Misoomaaf” jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’u walta’iinsaa Raashiyaa Afrikaa guddisuu fi birmadummaa mootummoota biyyoota Afrikaa cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Yaa’ichaan cinaattis fooramiiwwan dhimmkoota diinagdee fi namoomaa Raashiyaa fi Afrikaarratti xiyyeeffatan akka gaggeeffamanis RT’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment