Yaa’iin addaa hoggantoota Gamtaa Afrikaa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Yaa’iin addaa Hoggantoota Gamtaa Afrikaa Ikkuwaatooriyaal Giinii Magaalaa Maalaabootti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’ichi deeggarsa namoomaa fi dhimmoota walqabatanirratti ni mari’ataan eegama.
Dabalataan dhimmoota shororkeessummaa fi adeemsa karaa seeraan alaa aangoo qabachuuf taasifamu haala ittisuun danda’amurratti ni mari’atame jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad yaa’icharratti hirmaachuuf guyyaa kaleessaa magaalaa Maalaaboo galuun isaanii kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment