Finfinnee, Adooleessa 26, 2013 (FBC)- Yaa’iin abbootii seeraa naannoo Oromiyaa marsaa 3ffaa magaalaa Adaamatti gaggeeffamaa jira.
Yaa’iichi mata dure ‘ qulqulliina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessun amantaa uummataa horachuuf ni hojjenna’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Yaa’ii abbootii seeraa naannoo Oromiyaa marsaa 3ffaa kanarraattis anga’oonni mana murtii federaalaa, anga’oonni Mana murtii waliigalaa Oromiyaa abbootii seeraa fi haqaa dabalatee abbootiin gadaa haadholiin Sinqee argamaniiru.
Xiyyeeffannaan yaa’ii kanaas keenniinsa tajaajila abbaa seerummaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, abbootiin seeraa qulqulliinaa fi haqa qabeessummaan uummata tajaajilu akka qaban xiyyeeffatameera.
Dhimmoonni ragaa qabataamaadhaan hagam ilaalamuu akka qaban qulqullina haqa qabeessummmaan hawaasa tajaajiluu, ragaalee sobaa qoratanii bira ga’uun haqaaf haqarrattii hundaa’uun keenniisa tajaajila haqa qabeessa mirkaneessuu kan jedhu irratti yaa’iichi gaggeeffamaa jira.
Amartii Tasfaayeetu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.