Yaa’iin Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa boru gaggeeffama

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Yaa’iin Abbootii Alangaa Waliigalaa Naannoo Oromiyaa guyyaa boru Jimmaatti akka gaggeeffamu eerame.

 

Yaa’ii kanarratti Abbootiin Alangaa godinaalee Oromiyaa ni hirmaatu jedhameera.

 

Jala bultii yaa’ichaarratti qorannoowwan tajaajila haqaan walqabatan Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaan dhiyaatanii irratti mari’atameera.

 

Rakkoon naamusaa, abbaa dhimmaa deddeebisuun, ergama dagachuu fi amanamummaa dhabuun darbee darbee abbootii alangaa tokko tokko biratti akka mul’atu qorannichaan adda bahuu Itti Gaafatamaan Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa Obbo Sisaay Iddeessaan himaniiru.

 

Abboottiin alangaa beekumsaa fi dandeettii qaban hojiirraa oolchuun kenniinsa tajaajila haqaa akka mirkaneessaniif yaa’iin gaggeeffamu kan tumsu ta’u Hoggantuun Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Aadde Addunyaa Ahimad himaniiru.

 

Muktaar Xahaatu gabaase

 

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

 

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

 

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

 

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

 

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment