Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Yaa’ii Waloo Gamtaa Awurooppaa fi Afrikaa 6ffaa irratti dhimmoonni ijoon Ityoophiyaan kaaste fudhatamummaa argachuu Beeljiyeem, Luuksanbargii fi Dhaabbilee Awurooppaatti Ergamtuun Dhaabbii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Hiruut Zammanaa ibsan.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad yaa’icha cinaatti, marii bu’aa qabeessa fayyadamummaa Ityoophiyaa mirkaneessaan taasisuu isaanii Ambaasaaddar Hiruut himaniiru.
Yaa’ii waloo kanarratti Ityoophiyaan haala tumsaa fi michummaa, dhimma nagaa fi tasgabbii, dhimma waa’ee dhageetti sagalee Afrikaa, akkasumas dhimmoota Gamtaa Afrikaa waliin walqabatan kaasuun fudhatama argachuu eeraniiru.
Hariiroon Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa walqixxummaan fayyadamummaa waloo irratti tumsa bu’uureffame akka ta’us, Ityoophiyaan kaasuu dubbataniiru.
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad yaa’icha irratti yaadota fayyadamummaa Ityoophiyaa akkasumas Afrikaa cimsan kan kaasan yoo ta’u, kana cinaatti hoggantoota biyyoota gara garaa waliin hariiroo biyyoota lameenii irrattis mari’ataniiru.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.