Yaa’ii sirna soorataa DhMG irratti hirmaannaan Ityoophiyaa milkaa’aa ture- Dooktar Laggaasaa Tulluu

Finfinnee, Adoolessa 19, 2015 (FBC)- Yaa’ii Sirna Soorataa Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomaniirratti hirmaannaan Ityoophiyaa milkaa’aa akka ture Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Dooktar Laggaasaa Tulluun ibsan.

Yaa’ichi damee qonnaan wabii nyaataa mirkaneessuuf muuxannoowwan sochii bu’aa qabeessaa jalqabaman dhiyaachuu eeraniiru.

Qonna Ityoophiyaa ammayyeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf, ce’umsa sirna soorataa fiduuf tarkaanfiiwwan imaammataa Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiin fudhatama jiranirratti ibsi kennamuu kaasaniiru.

Kana malees, sagantaa Ashaaraa Magariisaa, misooma jallisii keessumaa qamadii bonaa fi maaddii guutuun bu’aaleen argamaa jiran yaa’ichaaf dhiyaachuu ibsameera.

Muummeen Ministiraa damee qonnaan wabii nyaataa mirkaneessuuf, carraa hojii uumuufis ta’e ce’umsa sirna soorataa taasisuuf moodela faayinaansii addaa fi haaraa barbaachisa jedhaniiru.

Yaa’ichaarratti kallatti ce’umsa sirna soorataa hirmaachisaa itti fufiinsa qabu kaa’aman raawwii gaarii kan mul’isan ta’us, dhiyeessii faayinaansiin, walta’iinsa idil addunyaan, jijjiirama qabeenya qilleensaa fi rakkkolee namtolee uumaman dandamachuuf, walta’iinsaan hojjechuurratti rakkoolee hedduun kan mul’atan ta’uu kaasaniiru.

Kanaafis biyyoonni sirna soorataa irratti rakkoolee mul’atan hambisuuf qonna gadaanaan jijjiiramaa olaanaa fiduun ce’umsicha saffisiisuu akka barbaachisu Muummeen Ministiraa himuu dubbatan.

Gama biraatiin, Koonfiraansii Misoomaa fi Godaansaa Idil Addunyaa Muummeen Ministiraa Xaaliyaanii hogganaan irratti Dooktar Abiy haasawaa taasisaniin, guddina biyyaalessaa saffisiisuun carraa hojii uumuu bal’isuu fi hiyyummaa hir’isuuf, daddabarsa namootaa seeraan alaa fi godaansa hir’isuun murteessa ta’uu dubbataniiru.

Akkasumas sababoota ka’umsa godaansaa addaa baasuun hambisuu, carraa hojiif sirnoota faayinaansii haraa diriirsuu fi gabbisa hubannoo kan giddugaleeffatan bobbiiwwan hojii hojiirraa oolfamuu akka qaban ibsaniiru.

Gama biraan, Muummeen Ministiraa turtii Xaaliyaan Roomitti qabaataniin, hambaan Fakkii Atileet Abbabaa Biqilaa kaa’an Ityoophiyaan gootota fi seenaa ishee addunyaatti beeksisuuf carraa kan uume ta’uu dubbtaniiru.

Yaa’ii Sirna Soorataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kanarratti raawwii kallattiiwwan kaa’amanii, bu’aalee argamanii fi gufuuwwan mudatan irratti gabaasni sochii Ityoophiyaa dhiyaachuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment