Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaaf daandiiwwan cufamanii fi sararoonni filannoo biraan ifooman

Finfinnee, Amajjii 25, 2014 (FBC)- Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaaf daandiiwwan cufamanii fi sararoonni filannoo biraan ifoomaniiru.

Daandiiwwan kunneen hanga hirmaattoonni yaa’ichaa seenaanitti konkolaattootaf cufamanii akka turaanii fi daandiwwan deebi’anii hanga banamanitti hawaasni obsaan akka eeguu poolisiin ibseera.

Bu’uruma kanaan;-

  • Daandii Awwareerra gara Paarlaamaa, Daandii Bulgaariyaa gara Gamtaa Afrikaa geessuu.
  • Ibsaa Paarlamaa-Ministeera dhimma alaa- addababaayii Masqalaa-Filaamiingoo-Olompiyaa-naannoo Walloo- Imbaasii Jaappaan-Freend Shiip-Daandii Boolee-buufata xiiyyaaraa
  • Ibsaa Paarlamaa-Masaraa mootummaa-Filwuyaa- Mana Tiyaatiraa biyyoolessaa- addababaay Meeksikoo-galma Gamtaa Afrikaa
  • Ibsaa Paarlamaa-Masaraa Mootummaarran-Paarkii Michummaa-Mana daldalaa maxxansaa- hootela Moonaariik- addabaabaay Teedroos-Hospitaala Xiquur Ambassaa-Televeezhinii Ityoophiyaa –Tiyaatiraa biyyoolessaa-addabaabaay Meeksikoo
  • Irraan gade Hoteela Shaaraatan- Filwuyaa-Ambaasaaddar
  • Naannoo Saarbeetirran gara ulaa jalqabaa galmaa Gamtaa Afrikaa Jimaata 27, 2014 irra eegalee daandiiwwan eerramaniirra konkolaattoota dhaabuu fi socho’uun kan hin danda’amnee ta’uu ibsameera.
  • Konkolaattoota Xoor Haayiloochi gara addabaabaayii Meeksikoo dhufaaniif
  • Riqicha Kokaa Kollaa-Abinnaat Takla Haayimaanoot ykn naannoo Maaruu Geejjaa-Gommaa Quxxabaa akka fayyadaman ibsameera.
  • Saar Beetii gara Meeksikoo kan dhufaniis ammoo Saar-Beet-addabaabaay Kaarl-Lidaataarran gara Markaatoo fi Gommaa Quxxabaa faayyadamuu ni danda’u.

Fayyadamtoonni daandii Boolee ammoo Atilaas irraa-Gamoo Zarihuun-Siginaal

  • Boolee Mikaa’eel-Hakiim Maammoo gara Gootaraa, Magganaanyaa addabaabaay Diyaaspooraa-Imbaasii Ingiliiz,Magganaanyaa-daandii Adwaa-Awwaaree
  • Duuba Filaamingoorran Masqal Filaawaar fayyadamuu akka danda’aan Koreen waloo nageenyaa fi tasgabbii ibsuu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment