Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 36ffaa keessummeessuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 15, 2015(FBC)- Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 36ffaafi Walga’ii mana mare hojii raawwachiistuu 41ffaa haala milkaa’ina qabuun  gaggeessuuf koreen waloo biyyaalessaa waajjiraalee garaagaraarraa walitti babba’e marii gaggeessuu ibsame.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon, bara darbe Ityoophiyaan dhiibbaa Kooviid-19fi biyyoota alaa jala osoo jirtuu Yaa’ii hooggantioota Gamtaa Afrikaa 35 milkaa’inaan keessummeessuu yaadachiisaniiru.

Yaa’iin 36ffaan haala fooyya’aa ta’een akka gaggeeffamuuf dhaabbileen hundi qophii gahaa taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Bakka buutonni dhaabbilees yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa Guraandhala 15-19, 2015 ni gaggeeffamaan eegamu itti gaafatamummaa addaa biyyattiin qabdu ilaalcha keessa galchuun gahee mataasaanii bahachuuf kan hojjetan ta’uu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment